Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baalee magaalaa Roobee keessatti barattoota mana barumsaa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa hiriira mormii ba’aanii turan irratti reebicha hamaa raawwachuun hidhaa Kan jiran yoo ta’u, aanaa sinaana keessaatti ammoo namoota nagaa irraatti hidhaan jabaate jaabate itti fufee 

ONM-ABO Caamsaa 31, 2024

Godina Baalee magaalaa Roobee keessatti barattoota mana barumsaa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa madda walaabuurraa dhiibbaa murnichi hordoftoota amantaa musiliimaa irraan ga’aa jiru fi diigamuu masjiidaa mormuun hiriira ba’anii karaa nagaa sagaalee Isaanii dhageessiffachaa turan irratti, waraanni bilxiginnaa reebicha raawwachuun hedduu Isaanii mana hidhaatti galchanii jiru.

Barattoota hidhaman kana keessaa barattootni 24 mana hidhaarraa yoo gadi Dhifaman  kanneen lakkoofsaan hedduu ta’an ammoo mana hidhaatti rakkachaa jiraachuu maddeen himan.
Akkasumas, godinuma Baalee aanaa Sinaanaa ganda Shawwaadee keessaa gaafa guyyaa 24, 2023 ergamtoonni pp namoota hojii dhuunfaa isaaniirraa qabuun maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggertu jedhu itti maxxansuu  fi isintu waraana Bilisummaa Oromoo ganda keenyaa keessa fidee galche jechuun qabanii gara magaalaa Roobee geessanii mana hidhaatti dararaa agarsiisaa jiru.

Namoota gandicharraa qabamanii jiran keessaa Kan maqaa arganne Bakar Amad, Kamiil Ismaa’ilii fi Maammad Huseen Kadir kan jedhaman ta’uu maddeen Arraata biyyoolessaa oromiyaa ifoomsaniiru.

Exit mobile version