Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kibba Oromiyaa Gujii keessatti mootummaan PP uummata Oromoo fi Sidaamaa walitti buusuun gama lachuu irraa miidhaan qaamaa dhaqqabuun beekame

ONM-ABO Waxabajjii 10, 2023

Uummattoonni impaayerattii keessaa nagaan akka waliin hin jiraanne, dhibdee garaa garaa gidduu kaa’uun dhiiga qulqullootaatti taphachaa kan as ga’an bulchitoonni impaayera itoophiyaa, ammas Uummata Sidaamaafi Oromoo walitti buusuun miidhaa gurguddaan dhaqqabee jira.

Waxabajjii 8, 2023 Gujii ona Booree ganda Suukee keessatti mootummaan PP uummata Oromoo fi Sidaamaa walitti buusuun lolli guddaan geggeeffamuu fi qaamota nageenyaa mootummaa kan ofiin jedhan lola kana tasgabbeessuu osoo danda’anii ilaalanii dhiisuun miidhaan qaamaa gurguddaan dhaqqabuu maddeen keenya gabaasaniiru.

Akka maddeen keenya gabaasanitti Uummata Oromoo Ona Booree keessa jiraatanii fi Uummata Sidaamaa bakka Aagere Selam jedhamu jiraatan gidduutti ibidda mootummaan dhalcheen lolli deemaa kan ture ta’uu fi hanga ammaatti namni lubbuun du’e akka hin jirree fi miidhaan qaamaa gurguddaan garuu gama lachuu mudachuu maddeen keenya gabaasaniiru.

Nagaan saboota gidduutti akka hin buune, sabaa fi sablammoonni akka malee akka wal madeessan karoorsee kan irratti hojjetu, PP’n, daangaa Oromiyaa mara irraan saboota Oromoo irratti kaasuun qabsoo Oromoo gara dabarsuuf akkasumallee lola daangaa fakkeessee addunyaaf dhiyeessuu akka barbaadu hubachuun saboota ollaa keenyaa waliin nagaa buusaa hidda impaayerattii ciruu irratti haa xiyyeeffannuun dhaamsa jiraattota Ona Booreeti.

Exit mobile version