Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina baha Wallaggaa aanaa Waamaa Agaloo fi Guutoo Giddaa keessatti bulchaan aanaa fi kaabinoonni sirnichaa wal ta’uun xaa’oo uummata dhorkachuun dantaa dhuunfaa isaaniif oolfachaa jiraachuun saaxilame

ONM-ABO Waxabajjii 12, 2023

Yeroo qonnaan bultootni hojii qonnaa irratti bobba’uun oomisha kuduraa fi fuduraa dabalatee midhaan nyaataa oomishuun ofirra darbanii gabaaf dhiyeessuun qaala’iinsa jireenyaa to’atanitti kaabinoonni bilxiginnaa  Oromiyaa keessatti xaa’oo fi sanyii filatamaa qonnaan bultootaaf dhiyaatu saamuun abbootii qabeenyaatti kennuun dhoksaan gurgurachaa jiraachuu jiraattotni komatan.

Haaluma kanaan godina baha Wallaggaa aanaa Waamaa Agaloo keessatti bulchaan aanichaa obbo Alamuu Hordofaa jedhamu fi kaabinoonni aanichaa waliin ta’uun, xaa’oo fi sanyii filatamaa qonnaan bultootaaf dhufee jiru dhorkachuun, dhuunfaa isaaniitiin abbootii qabeenyaa aanichaatti baasanii kennuun gurgurachaa akka jiran saaxilamee jira.

Oduu wal fakkaatuun godinuma baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaa keessatti gochi wal fakkaataan raawwachaa kan jiru yoo ta’u, xaa’oo fi sanyii filatamaa gatii madaalawwaa fi hangi barbaadamu qonnaan bultoota qaqqabuu hanqachuun, rakkoo beelaa fi qaala’iinsi jireenyaa kan bara darbee irra dachaa lama dabaluu mala jechuun jiraattotni yaaddoo qaban dubbatan.

Sababni isaas hattootaa fi saamtotni kaabinoonni murna bilxiginnaa fedhii fi dantaa uummataaf dursa laachuu dadhabuun, xaa’oo fi sanyii filatamaa qonnaan bultootaaf dhiyaatu saamuun dantaa dhuunfaa isaaniif olfachaa waan jiranif hojii qonnaatti danqaa uumaa jiru jedhan.

Uummanni Oromoo irra jireessi isaa kutaalee Oromiyaa garaagaraa keessa jiraatu, hojii qonnaatti bobba’uun jiraatu yoo ta’u, bara kana rakkoo xaa’oo fi sanyii filatamaa dhabuutti irra caalaan lafti qonnaan bultootaa, tajaajila qonnaa malee hafaa akka jiru jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version