ONM-ABO Waxabajji 14, 2023
Waraanni saamichaa fi mancaatiif uummatatti maqaa nageenya eeguu jedhuun bobbaafaman guyyaa irraa gara guyyaatti gocha hammeenyaa uummata Oromoo irrati raawwachuun rakkoo fi gidiraaf saaxila jiru.
Waraanni naamusaa fi dandeettii Waraanummaa hin qabne kun kaayyoon isaanii hawaasa hiyyummaa keessatti kuffisuu waan ta’eef, uummanni Oromoos waggoottan shanan darbanii kaasee qabeenyi isaa saamamuu fi gubachuun jireenya gadadoo jiraachaa jira.
Haaluma kanaan godina Matakkal aanaa Buleen ganda Gongo keessatti gaafa Waxabajji 12, 2023 hidhattootni garee maafi’aa PP kun nama maqaan isaa Jamaraa Abeebee jedhamu jalaa maallaqa kuma dhibba afur saamuun horii gaanfaa 4 rasaasa Itti roobsun yoo ajjeesan mana fi mi’a mana keessa jiru guutummaan guutuutti gubanii barbadeessan jedhu jiraattootni.
Obbo Jamaraan nama siyaasa irra bilisa ta’ee fi nama hojii adda addaa hojjachuun ofiifi maatii isaa jiraachisu yoo ta’u, uummanni Oromoo yeroo garaa garaatti godinicha keessatti ilmaan Oromoo Oromummaa isaanii qofaaf yakkamuun ajjeefamaa, hidhamaa, saamamaa fi qabeenyi jalaa gubatee barbada’aa turuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

