ONM-ABO Waxabajji 17, 2023
Oromiyaan sabaa fi sablammoota of keessa qubachiiftee hojjetanii akka of jiraachisan taasistus deebii isaa, sabootni adda addaa kanneen ilaalcha finxaalessummaa qaban uummaticha irraan yeroo miidhaa qaqqabsiisan ni argama.
Haala kanaanis kaleessa Waxabajji 16, 2023 bulchiinsa magaalaa Finfinnee bakka Alambaank jedhamuun beekamu iddoo addaa ganda Silxee jedhamuun beekamu keessatti dargaggoota Oromoo hojii adda addaa hojjetanii of jiraachisan ganda keenya keessatti hin hojjettan jechuun miidhaa irraan ga’aa jiru.
Namootni maqaa Silxeen of ijaaran kun dargaggootni Oromoo baajajii achi keessa akka hin oofneef daandiitti ba’aanii dhagaan ari’aa turan.
Gochi kun dheengadda kan eegale yoo ta’u bakka Ayyarxeenaa fi Ashawaa Meedaa jedhamtu gidduutti geggeeffamaa ture.
Miidhaan qaamaa fi qorqalbii ilmaan Oromoo irra ga’us poolisootni faashistii PP achitti argamuun qeerrowwan Oromoo sadii qabanii harka duubatti hidhuun konkolaataa irra kaa’anii fuudhanii deemuu maddeen himuun hawaasni Oromoo saboota cufaan addatti roorrifamaa jiraachuu dabaluun ibsaniiru.
Uummanni Silxee hawaasa nagaan uummata Oromoo waliin bara dheeraaf jiraachaa turan yoo ta’u, murni uummata Oromoo saboota cufa waliin walitti buusee, uummaticha jibbisiisaa jiru, bu’a siyaasa isaaf jecha shira walitti bu’iinsaa kana hojjechuu akka hin oolle namootni hubannoo qaban ni dubbatu.

