ONM-ABO Waxabajji 26, 2023
Murni abbaa irree Abiy Ahimed gadaa aangoo isaa dheereffachuuf ilmaan haadha hiyyeessaa qe’ee isaanii irraa dirqiin qabuun leenjii waraanummaa kennneefii bobbaasuus, loltootni isaa guyyaa guyyaatti mooraa sirnichaa ganuun WBOtti makamuu itti fufanii jiru.
Haaluma kanaan kaleessa Waxabajji 25, 2023 godina Gujii lixaa aanaa Bulee Horaa fi Galaanaa irraa loltootni 7 gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennatanii jiru.
Aanaa Bulee Horaa irraa loltootni sadii, aanaa Galaanaa irraa loltootni 2 qawwee AKM Turkii 4, dachaatuu 1, rasaasa 1000 fi hidhannoo 5 qabachuun mooraa diinaa gananii WBO bira nagaan ga’anii jiru.
Kana malees har’uma Waxabajjii 26, 2023 aanaa Bulee Horaa mooraa ganda Badhoodhee irraa loltootni PP 2 qawwee AKM Turkii 1, dachaatuu 1, rasaasa 300 fi hidhannoo lama fudhachuun WBOtti harka kennatanii jiru.
Miseensota waraana bilxiginnaa kanaan baga nagaan dhuftan kan jedhan qondaalli WBO godinichaa, ilmaan Oromoo qawwee diinaa baatanii achi keessatti hafanis, faana isaanii hordofuun qawwee fi hidhannoo waliin WBOtti akka makaman dhaamanii jiru.

