Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii 8 godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo keessatti WBOtti harka kennatan

ONM-ABO Waxabajji 26, 2023

Impaayerri Itoophiyaa lubbuu ilmaan cunqurfamoon dhaabbattee as geesse, ijaarsa sobaa fi goyyoomsaa impaayerattiin ilmaan Oromoo dirqiin leenjii loltummaa fudhatanii bobba’aan, sirnicha ganuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachaa jiru.

Haaluma kanaan dheengadda Waxabajji 24, 2023 miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii 5 qawwee AKM Turkii 1, dachaatuu 4, rasaasa 1000 fi hidhannoo 5 qabachuun godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo mooraa magaalaa Seertumii irraa WBOtti harka kennatanii jiru.

Mooraan waraana bilxiginnaa diigamuu itti fufuun aanuma Anfilloo mooraa magaalaa Ashii irraa Waxabajjii 22 miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii 3 isnaayipperii, qawwee dachaatuu 2, rasaasa 400 fi hidhannoo lama qabachuun WBOtti makamanii jiru.

Miseensotni harka kennatan kun akka jedhanitti, mooraan waraana bilxiginnaa miidhaa uummata Oromoo irraan ga’uuf akka bobba’ee fi hanga har’aatti gochoota sukkanneessaa sirnichi nu hojjechiiseef uummata keenya dhiifama gaafanna jedhan.

Itti dabaluunis sabni keenya guddaadha, biyya mataa keenyaas waan qabnuuf tokkummaan kaanee falmachuun mootummaa birmaduu Oromiyaa ijaaruuf harka wal qabannee haa kaanu, erga jedhaniin booda ilmaan Oromoo yeroo ammaatti qawwee murna bilxiginnaa baachaa jiran, qawwee fi hidhannoo waliin sirnicha ganuun Waraana Bilisummaa Oromootti akka makaman dhaamsa dabarsaniiru.

Exit mobile version