Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina baha Shaggar ona Boosatii fi Dugdaa Booraa keessatti saamichi waraanaa fi kaabinoota sirnichaan uummata irratti geggeeffamu jabaatee itti fufe

ONM-ABO Waxabajji 27, 2023

Murni hattootaa fi saamtotaan guute bilxginnaan uummata qaala’iinsa jireenyaan miidhamuun ofiifuu beelaa fi rakkoo ulfaataa keessa jiru waraana isaa itti bobbaasuun saamichi ajaja murnicha irraa kennamuun geggeeffamu daangaa darbee jira.

Aanota godina baha Shaggar keessatti ajjeechaa, hidhaa, dararaa garaagaraa fi saamichi waraanaa fi kaabinootaan raawwatamaa kan jiru yoo ta’u, saamichi daangaa darbe qabeenya qonnaan bultootaa fi horii irratti bifa haaraan geggeeffamaa jiraachuun barameera.

Ona Boosat ganda Meerqasaa keessatti nama maqaan isaa Kaliil Siiquu jedhamu jalaa waraanni bilxginnaa re’oota sadii yoo qalatan, Habib Amaan jalas re’oota 2 qalatanii nyaachuun beekame.

Kana malees dararaa fi reebicha irratti raawwatamu dheessuun uummanni qe’ee isaanii irraa buqqa’aa akka jiranis himaniiru.

Oduu saamichaan wal qabatuun ona Dugdaa Booraa magaalaa Maqii keessatti oomisha  kuduraa fi fuduraa kan akka timaatimii konkolaataa shanii fi Paappayyaa konkolaataa 2 waraannii fi kaabinoonni bilxginnaa maqaa kotorbaandiidha jedhuun oomisha qonnaan bultootni gabaaf dhiyeessan magaalaa Maqii keessatti ugguruun magaalichumatti gurguruuf yaalanis namni irraa bitu waan dhabameef dheengadda galgala Waxabajjii 25, 2023 gara magaalaa Adaamaatti geessanii jiraachuu maddeen ONMtti himaniiru.

Exit mobile version