Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kaabinoonnii fi waraanni sirnichaa godina Iluu abbaa Booraa magaalaa Mattuu keessatti manneen jiraattotaa diigaa jiraachuu jiraattotni himatan

ONM-ABO Waxabajji 27, 2023

Kaabinoonnii fi waraanni sirna faashistii PP maqaa ijaarsa seeraan alaa jedhuu fi moggaasa maqaa garaagaraatiin manneen jiraattotaa diiguun da’oo jireenyaa fi bakka qubannaa dhabsiisuun maatii namoota baay’ee bakkeetti hambisaa jiru.

Haaluma kanaan diigumsa manneen jiraattotaa bulchiinsa magaalota akka Buraayyuu, Awwadaay, Sulultaa fi kanneen biroo keessatti raawwachaa turan, gara godina Iluu Abbaa Booraa magaalaa Mattuutti tarkaanfachiisuun manneen namoota nagaa hedduu diigaa akka jiran jiraattotni dubbatan.

Magaalaa Mattuu kana keessatti sababa ijaarsa seeraan alaa fi bareedina magaalaa tiksina jedhuun namoota manni jireenyaa isaanii jalaa diigamee jiru hedduu keessaa kan maqaa arganne Abduu Taammiruu, Amaarech Tamasgeen jiraattota magaalaa Mattuu  ganda Taboo kan ta’anii fi Darajjee Gabayyoo ganda Abbaa Saayyaa irraa kaabinoonnii fi waraanni sirna faashistii PP gaaffii tokko malee mana isaanii diiguun bakka jiraatan dhabanii rakkoo ulfaataa keessatti kan argaman ta’uu jiraattotni Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise ibsaniiru.

Exit mobile version