Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Miseensotni waraana bilxiginnaa 5 mootummaa naannoo Beenishaangul Gumuz aanaa Toongoo irraa ba’uun qawwee fi hidhannoo guutuun WBOtti harka kennatan

ONM-ABO Waxabajji 27, 2023

Caasaan waraana faashistii PP ilmaan Oromoo lafa irraa duguuguuf ijaarame, miseensota isaatiin kaayyoon abaaramaan mormamuun sirnicha gadi dhiisanii ba’aa jiru.

Akka kanaanis loltootni Abiy Ahimed goyyoomsaa fi dirqiin qabamuun leenjii waraanummaa fudhatanii impaayerattii tiksuuf bobbafaman 5 mootummaa naannoo Beenishaangul Gumuz aanaa Toongoo irraa qawwee fi hidhannoo guutuu waliin WBO aanaa Begii keessatti harka kennatanii jiru.

Waraanni bilxiginnaa duraanii sabaan Oromoo ta’an kun qawwee Turkii 1, dachaatuu 4, rasaasa 1080, boombii 10 fi hidhannoo 5 mooraa diinaa keessaa baasuun qabatanii mooraa qabsoo bilisummaa Oromootti makamanii jiru.

Loltootni WBOtti harka kennatan kunis gocha badii murni bilxiginnaa saba isaanii irratti isaan raawwachiisaa tureef dhiifama gaafachuun, WBO waliin lubbuu isaanii kennanii akka qabsa’aan waadaa seenanii jiru.

Exit mobile version