Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Mootummaa naannoo Gambeelaa magaalaa Gambeelaa keessatti Oromoonni qabaman achi buutee dhabamsiifamaa jiraachuun barame

ONM-ABO Adoolessa 1, 2023

Gareen maafi’aa PP waraana isaa bobbaasuun ilmaan Oromoo bakkaayyuu adamsee hidhuunii fi achi buutee dhabamsiisuun jireenya idilee hawaasichaa yaaddoo keessa galchee jira.

Haaluma kanaan dhukaasa hamaa waraanni faashistii PP fi hidhattootni mootummaa naannoo Gambeelaa Dilbata darbe Waxabajjii 25, 2023 wal irratti geggeessaniin booda, guyyaa itti aanu dukkaana ilmaan Oromoo cabsuun kan saaman yoo ta’u, kan ajjeesanii gatan malee namoota hedduu qabanii achi buutee dhabamsiisanii jiru.

Waxabajjii 26, 2023 waraanni garee faashistii PP ilma Oromoo maqaan isaa Surraa Bantii jedhamu, dhalootaan godina Qellem Wallaggaa magaalaa Dambii Doolloo kan ta’e qabuun achi buuteen isaa dhaabamee jira.

Obbo Surraan magaalaa Gambeelaa keessaa naannoo Jiniinaa kan jiraataa turee fi hojii Irra taa’umsa ammayyaa hojjetee gurguruun ofii fi maatii isaa jiraachisaa ture.

Magaalaan Gambeelaa hanga gabaasni kun qindaa’etti nagaan amansiisaan kan hin jirre yoo ta’u, Kamisa darbe murni bilxiginnaa humna Komaandoo jechuun konkolaataa Oraalii 2 fi 3F tokkoon magaalichatti dabaluu odeessi achii nu qaqqabe ni addeessa.

Exit mobile version