ONM-ABO Adoolessa 1, 2023
Impaayerattii keessatti tajaajilli hawaasummaa dhibamuu fi rakkoon qaalayiinsa jireenyaa haalaan hammaachuun walqabatee guumgummiin uummata irraa dhaga’aamaa kan jiru yoo ta’u, Godina Qellem Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Dambii Doolloo fi naannoo ishee keessattis dhabamuu tajaajila ibsaatiin rakkoon uumamaa jiraachuu jiraattotni dubbatu.
Godina Qellem wallaggaa keessatti kenniinsi tajaajila ibsaa ga’aan dhibamuun, ifni yeroo hedduu irra deddeebiin baduun uummatni godinichaa haala ulfaataa keessa jiraachuu gabaasaa kan turre hoggaa ta’u, Torbanoota lamaan darban kanarraa qabees magaalaa Dambi Dolloo fi aanota godinicha jalatti argaman cufa jalaa ibsaan ammas guutummaatti dhabamuun hawaasni tajaajila ibsaa irraa argatu mara dhabuun rakkoo hanqina midhaan nyaataa dabalatee haalli ulfaataa uummatni godinichaa keessa jiru haala kanaan kan itti fufu yoo ta’e miidhaan ulfaataan qaqqabuu akka malu jiraattotni himan.
Impaayerattii keessatti seekterootni hojii sirnichaa dalaguuf dirqama qaban, gama barbaadamuun tajaajila uummataaf laachuurra fayidaa dhuunfaa ofii tikfachuu bartee taasifachuun, Waajjirri tajaajila ibsaa bulchiinsa magaalaa Dambii Doolloos yeroo hedduu hanqina tajaajila ifaa Godinichi qabu furra jechuun kallattii garaagaraan uummatarraa maallaqa fuudhaa turanis, rakkoo hawaasni qabu furuuf tarkaanfii fudhatan tokkollee kan hin qabne ta’uu jiraattotni dubbataniiru.

