Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii fi Qondaala keessatti ilmaan Oromoo hidhamanii jiran irraan dararaa ga’aa akka jiran barame

ONM-ABO Adoolessa 12, 2023

Waraanni faashistii PP qorqalbii ilmaan Oromoo cabsuun siyaasa bilxiginnaa qofaaf akka bitaman gochuuf ilmaan Oromoo ilaalcha siyaasaa kan biraa qabdu jechuun mana hidhaatti guuranii dararaa jira.

Gochi kun godina lixa Wallaggaa aanaa Begii fi Qondaalaa keessatti jabaatee kan itti fufe yoo ta’u, namootni badii tokko malee maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggertu jedhamuun qabamanii hidhaman mana keessatti gochi mirga isaanii sarbu irratti raawwatamaa jira.

Hidhamtootni magaalaa Begii fi Qondaala keessatti hidhamanii jiran kun galgala galgala gadi baafamanii reebamaa fi qorra keessa bulaa akka jiran kan dubbatan maddeen sababa reebicha hamaa irratti raawwataniinis namootni hedduun miidhaa qaamaaf saaxilamanii jiru jedhu.

Qabiinsi hidhamaa tokkoof taasifamuu qabu guutuutti kan hin eegamneef yoo ta’u, arrabsaa fi maallaqa isaan hin qabne akka kaffalan taasisaa jiraachuu maddeen dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Exit mobile version