ONM-ABO Adoolessa 14, 2023
Murni faashistii PP waggaa waggaan tilmaama gibiraa jechuun aanoota godinaalee Oromiyaa mara keessatti maallaqa namootni kafaluu hin dandeenye namootatti ramaduun hawaasa dararuu jabeessee jira.
Xumura baatii Waxabajjii 2023 irraa eegaluun dhimma tilmaama gibiraa jechuun uummata godina Baha Wallaggaa aanaa Waamaa Hagaloo irratti gibira humnaa olii ramaduun uummatni kafaluu dadhabee rakkachaa jira.
Ramaddiin gibiraa kunis akkaataa walitti siqeenyaa, matta’aa walii kennuu fi jibbiinsa ilaalcha siyaasaan akka ta’ee jiraattotni dubbatu.
Akka kanaanis aanicha keessatti gibirri humnaa olii kan itti murtaa’e, abbaa mana baaburaa Imaanee Fayyeeraatti qarshii 32,000, mana ciree Abdii Borii fi kanneen biroo hedduutti maallaqa hanga 50,000tti ramadanii jiru.
Mana ciree Abdii Boruu kan qabeenyummaan isaa kan aaddee Geexee Fayyeeraa jedhamuutti waraana nyaachisuu didde jechuun maallaqa guddaa itti murteessan.
Rakkoo kana kan geessisaa jiru ulee bilxiginnaa ta’uun itti gaafatamaa waajjira daldalaa nama Burqaa Gaarii jedhamu kanan dura Yuunivarsiitii Wallaggaa keessatti ijoollee qeerroo ajjeesisaa ture waraqaa mudaama achii fudhatee dhufeen hoggansa irra turus yeroo warraaqsa qeerroo fi qarree Oromoo hoggansaa irraa bu’ee ture amma itti deebi’uun itti gaafatamaa waajjira galii aanichaa Asfaa Ibsaa waliin ta’uun hojii dinagdeen nama ajjeesuu raawwachaa jiru.
Oduu biraatiin ammoo dheengadda Adoolessa 12, 2023 aanichuma keessaa namoota humnaan qawwee irratti dhukaasuun qabanii milishaa taasisuuf hojjechaa jiru.
Haala kanaanis obbo Gammachuu Tamasgeenii fi Sanbatoo Lammeessaa jedhaman irratti dhukaasuun qabanii leenjii milishummaaf fudhachuu isaanii Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa odeeffateera.

