Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Uummatni bulchiinsa magaalaa Dambii Doolloo sababa ibsaan hin jirreef midhaan daakkachuuf gara aanotaa deemaa jiraachuun barame  

ONM-ABO Adoolessa 14, 2023

Tajaajilli ibsaa erga godina Qellem Wallaggaa bulchiinsa magaalotaa fi aanota irraa badee torbee sadii kan lakkoofsisaa jiru yoo ta’u,  turtii guyyoota amma kanaa keessatti maashinootni tajaajila ibsaan hojjetan dhaabbachuun  uummatni rakkoo keessa jira.

Bulchiinsa magaalaa Dambii Doolloo keessatti bishaan dhugaatii, baabura, mana hojii mukaa, mana hojii sibiilaa, suphiinsi konkolaataa fi elektirooniksii tajaajila kennuu dhiisuun hawaasicha rakkoo guddaan quunnamee jiraachuun barameera.

Keessaayuu rakkoon gama bishaan dhugaatii fi baabura midhaaniin hawaasa magaalaa Dambii Doolloo mudachaa jiru olaanaa ta’uun uummatni guraaramaa jira.
Bishaan dhugaatii dhabuun maallaqaan namoota harreen fidanii gurguran irraa maallaqa qaaliin bitaa kan jiruu fi gama miidhaa daakkachuunis magaalota aanota isaaniitti dhiyoo ta’an deemanii daakkachaa akka jiran barameera.

Yeroo ammaa hawaasichi miidhaan daakkachuuf baabura boba’aan hojjetu barbaachuuf baasii konkolaataaf baasee gara magaalaa Machaaraa deemee daaksifachaa jiraachuu kan himan  jiraattotni, baaburri boba’aa magaalaa Dambii Doolloo keessa jiru lama, hawaasa sana hunda wal ga’uu dadhabuun hawaasichi osoo qabu illee agabuu bulaa fi akaawwii nyaachaa akka jirun dabaluun ibsan.

Hoggantootni waajjira ibsaa godinichaas rakkoo kanaaf deebii hatattamaa kennuu diduun maqaa muka ibsaatu kukkufee jedhuun hojiif waajjira irraa bobba’uu malee hawaasichaaf ibsaa fidanii rakkoo irraa aara galfachiisuu akka hin dandeenye barameera.

Exit mobile version