Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa aanaa Xiyyoo keessatti hidhaa namoota nagaa irratti hammeessan

ONM-ABO Adoolessa 21, 2023

Murni faashistii PP waraana isaa Oromiyaa golee mara keessatti bobbaasee uummata Oromoo dararuu erga jalqabee waggoota 5ffaa lakkoofsisee jira.

Ilmaan Oromoo hiraarsuun hojii isaa jalqabaa kan ta’e waraanni bilxiginnaa godina Arsii bahaa aanaa Xiyyoo ganda Murtichaa Qobboo irraa barsiisotaa fi qonnaan bultoota Oromoo badii tokko malee isin hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jechuun qabanii hidhanii jiru.

Namootni hidhaman kunis barsiisaa Amaantuu Tuunee, Gammachuu Galchuu, qonnaan bulaa Kamaal Galchuu, Kamaal Asoo fi  Kadir  Hirphoo ta’uun barameera.

Namootni qabaman kun isintu WBO gandicha galche jechuun yoo ta’u, Kamaal Galchuu fi Kamaal Asoo caasaa gandaa keessatti bulchiinsa gandichaa fi dhimma nageenyaa ta’uun tajaajilaa turan.

Waraanni falli bulchiinsaa harkaa bade sochii fi tarkaanfii WBO’n fudhatu hunda daandeettii waraanummaa isaaniin dura dhaabbachuu irra namooota nagaa siyaasa kamiyyuu quba hin qabnee fi akka hawaasa meesha maleeyyiitti homaa gochuu hin dandeenye gaafatamaa gochuun yoo dararan mul’ata.

Gocha badii waraanni faashistii PP aanaa Xiyyoo magaalaa Kaatar Gannat dabalatee hawaasa nagaa irratti fudhatu kan morman jiraattotni waltajjiilee adda addaa aanicha keessatti taa’amu irratti, isin xaa’oo qonnaaf ta’u nuuf dhiyeessuu hin dandeenye, dhimma nageenyaa jettanii nu hin dararinaa, nuti hawaasa, rakkoo jira jettan waraana keessaniin sakatta’adhaa jechuun miira aariin yaada isaanii dhiyeessaa turuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version