ONM-ABO Adoolessa 24, 2023
Gareen maafi’aa PP olaantummaa dinagdee fi siyaasaa argachuuf of ijaaree maqaa bilxiginnaan aangootti ol ba’e, barcuma aangoo isaa jabeeffachuuf loltoota jibbiinsa Oromummaa akka horatanitti leenjisee Oromiyaa dachee dhiigaa akka taasisaniif bobbaasus, warreen sabummaan Oromoo ta’uun quuqama lammii isaanii qabaatan akeeka sirnichaa mormuun gananii WBOtti makamaa jiru.
Akka kanaanis Adoolessa 20, 2023 godina Lixa Harargee aanaa Mi’eessoo irraa miseensi waraana bilxiginnaa tokko qawwee AKM Turkii 1, rasaasa 156, boombii 1 fi hidhannoo tokko qabachuun WBO zoonii bahaa jirutti makamee jira.
Waraanni raayyaa ittisa impaayerattii kun sirnicha ganuu itti fufuun godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo mooraa magaalaa Muggii irraa loltootni bilxiginnaa 3 qawwee fi hidhannoo guutuun WBOtti makamanii jiru.
Miseensotni kunneenis erga WBO bira ga’anii simannaa taasifameefitti gammaduun, waraana bilisummaa Oromoo waliin qabsoo saba bilisummaa gonfachiisu akka geggeessan ibsaniiru.
Dhuma irrattis ilmaan Oromoo sirnicha qawwee baatanii tajaajilaa jiran sirnicha ganuun WBOtti akka makaman dhaamsa dabarsaniifii jiru.

