Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Caasaan murna bilxiginnaa godina Lixa Wallaggaa aanaa Sayyoo Noolee raawwii fi karoora sobaa irratti marii eegalan

ONM-ABO Adoolessa 25, 2023

Murni faashistii PP lakkoofsa sobaa waliif gabaasuun akka waan hojiin hawaasaaf hojjetameetti Maallaqa misooma uummataaf oolu caasaa isaa nyaachisu, hojii isaa dabaa kana maqaa raawwii fi karoora jedhuun waltajjiilee adda addaa taa’uu itti fufee jira.

Akka kanaanis waltajjii Adoolessa 24, 2023 godina Lixa Wallaggaa aanaa Sayyoo Noolee keessatti kaabinoonni bilxiginnaa kaleessa taa’uu eegalan kana irratti gabaasni sobaa raawwii bara 2015 jedhuu fi karoorri bara 2016 dhiyaateera.

Waltajjii kanaan dhimmoota karoora idilee misoomaa fi dinagdeen hawaasa jijjiiruuf xiyyeeffachuu irra dhimma ilaalcha Waraana Bilisummaa Oromoo balleessina jedhu kaasuunii fi hojjetaan mootummaa qajeeltoo paartii badhaadhinaa akka kitaaba qulqulluu amantaa kiristaanaa fi Quraanaatti fudhachuu qaba jechuun waltajjii irraa bulchaan aanichaa dhaadachaa oole.

Dinagdeen Itoophiyaa akka misaayelaatti furgugga’ee Afrikaa irraa 3ffaatti dhufnee irra, kana ammoo waan TPLF waggaa 27tti hin hojjenne raawwanne jechuun impaayera diigamaa jirtuu fi dinagdeen kufe keessatti caasaa isaanii goyomsaa turan.

Gabaasa isaanii keessatti uummata parsantaa 100 nyaataan of dandeessisuun qamadii ammoo parsantaa 87 irraan geenyee jirra jechuun karoorri itti aanu karoora xiiqiiti, kurmaana 1ffaa keessatti xumuruu qabna yeroo jedhanitti kurmaana 3 kan waggaa hafan keessatti ammoo maal dalagdu akkasumas uummata beela’ee kadhachuu eegale keessatti parsantaa 100 eessaa fuutan, raawwiin kun soba kan jedheen hin jiru.

Exit mobile version