Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Jaarmiyaan ABO-WBO miseensota haarawwaa leenjii waraanummaa fi siyaasaa kennaafii ture zoonii bahaatti eebbisiise

ONM-ABO Hagayya 1, 2023

Oromoon xumura jaarraa 19ffaatti gita bittaa habashootaan koloneeffatamus fincila diddaa garbummaa kaasee hanga qabsoo bilisummmaaf jaarmiyaa tokko jalatti hiriiree lolutti ilmaan qaqqaalii hedduu hiriirsuun aarsaa godhee jira.

Aarsaa ilmaan isaa qaqqaaliin taasisan kana milkiin xumuruuf jajjabeewwan roorroo hin sarmine jaarmiyaan ABO-WBO mooraa isaatti fudhachuun leenjii waraanummaa fi siyaasaa kennuufiin diina saba isaanii irraa akka lolaniif bobbaasuu itti fufee jira.

Torbee darbe xumura baatii Adoolessaa keessa gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo zoonii bahaatti miseensota haaraawwaa leenjii ga’umsaa fi qulqullina qabu ilmaan Oromoo saba isaaniif lubbuu tokkittii kennanii bilisummmaa sabichaa dhugoomsuu barbaadaniif kennuun sirna hoo’aa fi hawwataa ta’een eebbisiisee jira.

Eebba kana irratti ajajaan Waraana Bilisummaa Oromoo zoonii bahaa Jaal Hambisaa Seenaa argamuun eebbifamtootaaf haasaa kan taasisan yoo ta’u, hadhaa leenjii dandamachuun ilmaan Oromoo WBO ta’uun garbummaa saba isaanii irraa qolachuuf dhufan jajjabeessuun, haala sabni Oromoo keessa jiruu fi kallattii qabsoon Oromoo irra deemuu qabdu irratti yaada kennanii jiru.

Qabsoon hidhannoo galma bilisummmaa keenyaaf murteessaa dha jechuun fuula durattis gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo zoonii bahaa kana keessatti jabaachuun lafa seenaa kana irratti lafee isaan imaanaa goototaa galmaan ni ga’a jechuun dhaadataniiru.

Exit mobile version