ONM-ABO Hagayya 11, 2023
Murni gabroonfataan sirna sanyi balfituu nafxanyaa tiksuuf lubbuu uummataa guyyaadhaan ajjeessaa oolu Lixa Shaggar aanaa Cobii keessatti yeroo garaagaraatti gocha fixiinsa sanyii raawwataa tureera.
Kaleessa Hagayya 10, 2023 Aanaa Cobii keessatti waraanni PP ganamaan ganda irra bobbaafamuun jiraattota ganda Bakkee Hoofuu rasaasa itti roobsuun gochaa fixiinsa sanyii raawwachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Waraanni murna PP aanaa Cobii ganda Qorichaa Kootichaa lafa gabaa Dilbataa keessa qubatee ture, Hagayya 10, 2023 barii keessa sochii gandoota akka Qorichaa Kootichaa fi Bakkee Hoofuutti qajeele.
Sochii isaatiin qotee bulaa karaa irrattis, mana keessattis argate dhiira dhalaa, jaarsa, daa’ima osoo hin jenne qabuu eegalan.
Namoota haala kanaan qabaman keessaa namoota 11 rasaasa itti roobsuun battalatti yoo ajjeessan, namoota 5 rasaasaan madeessanii karaatti gatanii bira darban.
Namoota haala kanaan ajjeefaman keessaa maatii tokko keessaa reeffa nama 4 fi madoo tokko, akkasumas Abbaa fi Haadha irraa galaafatee ilmaan bakkeetti hambisaniiru.
Namootni Haala kanaan ajjeefaman:- Obbo Karrayyuu Araarsaa Yaadasaa fi Haadha warraa isaa aadde Araarsee..- Ganda Bakkee Hoofuu bakka addaa Shimalatti ajjeefaman Obbo Gurmuu Jifaaraa, Qeerroo Tasfaayee Jifaaraa fi Qeerroo Abarraa Jifaaraa- mana tokko keessaa namoonni sadii ganda Bakkee Hoofuutti ajjeefaman.
Obbo Fiixaa Milkeessaa fi Obboleessi isaanii Obbo Mogoraa Milkeessaa ganda Bakkee Hoofuu bakka addaa Gaarootti ajjeefaman.
Maanguddoo Dhugaasaa fi Haati warraa isaanii aadde Xuruu Yaadasaa ganda Bakkee Hoofuutti ajjeefaman Qeerroo Tolasaa Dirribsaa – ganda Qorichaa Kootichaatti ajjeefame.
Obbo Girmaa Bakaraa – jiraataa Aanaa Ilfataa ganda Dirree Bareedaati, osoo karaa deemuu kan ajjeefame.
Maanguddoo Araarsaa Yaadasaa- ilma isaa haadha manaa waliin ajjeessuun isa ammoo madeessan.
Ashuu Fayyisaa – daa’ima ganna 11 obbo Abbishuu Jifaaraa – obbolaa isaa nama 3 ajjeessanii isa ammoo madeessaniiru.
Aanaa kana keessatti murni pp dhufaa darbaa gochaa gara jabeenyaa raawwataa kan turan yoo ta’u, ganduma kana keessatti bilxiginnaan xiyyaara nama maleessa, dirooniidhaan jumlaan kan nama fixes waggaa darbe kana keessa ture.
Oduma ajjeechaan wal qabatuun godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo ganda Yaarer keessatti dargaggoo Hisqeel Dinqaa jedhamu dheengadda Hagayya 9 guyyaa toora sa’a 7:00 irratti rasaasaan rukutuun ajjeessanii jiru.

