ONM-ABO Hagayya 16, 2023
Ajjeechaa fi hidhaan waraana faashiistii Itoophiyaan Oromiyaa keessatti ilmaan Oromoo irratti raawwatu gocha duguuggaa sanyii fi akeeka Oromoo fi Oromummaa hundeen balleessuu ta’uun isaa gochaawwan guyyaa gara guyyaatti Oromiyaa kutaalee garaagaraa keessatti raawwatu ni mul’isa.
Aanota lixa Shaggar keessatti ajjeechaan uummata nagaa irratti waraana faashistii Abiy Ahimediin geggeeffamu jabaatee itti fufuun, godina lixa Shaggar aanaa Meettaa Roobii ganda Dullaa bakka addaa Maaramii Shaaroo jedhamu keessatti dheengadda Hagayya 14, 2023 maqaa waraana bilisummmaa Oromoo tumsituutiin osoo isaan loon tikfachaa jiranii qonnaan bultoota sadii maqaa isaanii Taayyee Abbabaa, Baqqalaa Jifaaree fi Baqqalaa Haayiluu jedhaman waraanni faashistii Abiy Ahimed rasaasa itti roobsuun ajjeessan.
Ajjeechaa kana malees maqaa waraana bilisummmaa Oromoo deggertuu fi nyaachistuutiin namoota nagaa maqaan isaanii Barsiisaa Xaafaa, Kabbee Fayyee, Tolasaa Qananii, Ayyalaa, Qananii jedhaman qabanii hidhuun reebicha hamaa irra deddeebiin irratti raawwachuun dararaa jiru.
Aanichuma keessatti torbee darbe Hagayya 8, 2023 abbaa fi ilmaa maqaan isaanii Tarrafaa Tarreessaa fi Tarreessaa Tolasaa jedhaman waraanni maafi’aa PP ajjeessuun namoota nagaa hedduus qabanii hidhuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

