ONM-ABO Hagayya 23, 2023
Impaayerattii keessatti akkuma wal waraansi jabaachaa deemuu fi siyaasni bilxiginnaa harkatti lamsha’uun sodaa teessuma aangoo isaaniif jecha namoota qaroo ta’an irratti sababa tokko malee hidhaa jumlaa raawwachaa jiru.
Haaluma kanaanis lixa Wallaggaa aanaa Begii magaalaa Begii keessatti hidhattootni garee maafi’aa PP maadheffatanii jiran sababa tokko malee ilmaan Oromoo irratti maqaa adda addaa maxxansuun hidhaa hammeessanii kan jiran yoo ta’u namoota nagaa siyaasa irraa bilisa ta’an kanneen akka Baabagir Mahammad, Kadir Adam, Hamzaa Laaloo fi Bashir kan jedhaman hidhanii dararaa jiru.
Namoonni hidhamanii jiran kun baatii ja’a ol kan lakkoofsisan yoo ta’u hanga ammaattis yakki isaan dalagan osoo hin beekaminii fi mana murtiittis hin dhiyaatin mana hidhichaa keessatti dararamaa jiraachuu Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa jiraattota aanichaa dhimma kana keessa beekan irraa odeeffateera.
Murni faashistii kun aanaa Begii keessatti kanneen murtii malee hidhaniin alatti kan achi buutee dhabamsiisanii fi ajjeessanii bineensa nyaachisanis hedduu ta’uu dabaluun ibsaniiru.

