ONM-ABO Hagayya 23, 2023
Murni faashistii PP lolaan sochii Waraana Bilisummaa Oromoo balleessuu dadhabuun tooftaalee garaagaraa sochii WBO ittisna jedhaniin hawaasa miidhaa jiru.
Godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo magaalaa Garjeedaa fi gandoota naannoowwaa ishee jiran cufa keessa konkolaataan magaalaa Dambii Doolloo irraa akka hin seenne dhorkuun hawaasa erga dararuu eegalanii torbee lammaffaa lakkoofsisee jira.
Sababni konkolaataan akka hin seenne dhorkaniifis midhaanii fi mi’oota addaa addaa Waraana Bilisummaa Oromoof feetanii geessitu sababa jedhuun yoo ta’u, gocha uummata beelaan fixuuf karoorfame kanaanis hawaasni konkolaataa dhabee gaangee fi harreen fageenya dheeraa deemanii bitachaa jiraachuun himameera.
Jiraattootni rakkoon irra ga’e kun komii isaanii yeroo dhiyeeffatan, waraanni faashistii PP akkaataa barbaachiseen namoota isaa daandii gubbaa irra dhaabee konkolaataa sakatta’uu osoo danda’uu fi humna WBO waliin wal dura dhaabbachuu baqachuun hawaasa meesha maleeyyii dararuun sirrii akka hin taane dubbatu.
Kun kanaan osoo jiruu, gocha hawaasa Oromoo aanaa tokko addaan qoodanii miidhuutti kan mufatan qeerroon bilusummaa Oromoo aanaa Anfilloo, daandii magaalaa Dambii Doolloo fi Muggii gidduu konkolaataa deemu ugguruun sochii waraanni faashistii PP qallaba waliif dabarsu torbee tokkoof danqanii jiru.
Akka qeerroowwan kun jedhanitti bilxiginnaan qaama meeshaa baatu meeshaan dura dhaabbachuu qaba malee hawaasa nagaa gidduutti gaaga’uu hin qabu jechuun gochi uummata Oromoo magaalaa Garjeedaa irraa konkolaataa kutuun xaa’oo qonnaa, midhanii fi meeshaalee addaa addaa kutuun akka Tigraay beelaan miidhuuf karoorfame daballee ni mormina, waan dandeenyuunis faashistoota PP irratti dhiibbaa ni goona jechuun yaada isaanii Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf qoodaniiru.

