ONM-ABO Hagayya 26, 2023
Gareen faashistii PP gadaa aangoo isaa dheerafachuuf ilmaan Oromoo waan isaan hin ilaallannetti hiriirsee qoraan abiddaa gochuuf leenjii gosoota adda addaa kennuu itti fufee jira.
Loltoota farra riphee lolaa hanga rippaabilikaan gaardiitti leenjisee akka Abiy Ahimed fi sirnicha eeganiif bobbaasus, kaayyoon isaa galma ga’uu dadhabuun humna dabalataa hanga milishaatti leenjii kennuuf qophii taasisaa jira.
Erga aangootti dhufee waraanaa fi labsii yeroo muddamaa labsuu malee waan uummata bal’aa fayyadu hojjechuu irratti kan hin xiyyeeffanne murni faashistii PP torbee kana keessa aanota godina Qellem Wallaggaa 12 irraa namoota milishummaaf gidduu kana qabamanii fi kanneen duraan hojjechaa turan cufa walitti qabee gara aanaa Laaloo Qilee geessuun achitti leenjii waraanummaa kenneefii milishummaan aanaa isaaniitti deebi’anii akka hojjetan kan jedhu yaadamee jira.
Kana malees milishootni hedduun meeshaa gara Waraana Bilisummaa Oromootti waan geessaniif leenjii booda wal keessa rukutanii bobbaasuus ni danda’u kan jedhan maddeen waraanaa, murni bilxiginnaa rakkoo amma impaayerattii mudatee jiruuf fala dhabee waan caasaan isaa yaada kennu cufa hojjechaa oola.
Sirni hundeen raafame kun gandoota aanotaa irraa nama 120 ta’u dirqamaan qabuuf karoorfatus ganda magaalaa fi baadiyyaa magaalaatti dhiyoo ta’an, waraanaan seenuun qabuuf yaalii taasisanis lakkoofsa hanga kana ga’u argachuu hin dandeenye.
Warri humnaan qabamuun magaalaa aanaatti geeffamanis osoo irratti dhuka’uu keessaa badaa akka turan odeessi dhufe ni addeessa.
Kaleessa Hagayya 25, 2023 irraa qabuun aanota adda addaa irraa gara Laaloo Qileetti leenjiif kan deeman yoo ta’u, aanaa Anfilloo irraa sababa lolli cimaan ganda Yaarerii fi Heenechee keessa tureef daandii Dambii Doolloo Muggii geessu sodaachuun namoota fe’an konkolaataa irraa buusanii, karoora deemsaa guyyaa birootti qabachuu maddeen dabaluun Arraataa Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.

