Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Oromiyaa Harar keessatti hidhaa, doorsisni akkasumas saamichi maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggartu jedhuun jiraattoota irratti hammaachuun dhagaa’ame

ONM-ABO Hagayya 26, 2023

Waraanni Bilisummaa Oromoo babal’achuu isaa irraan kan ka’e  waraanaa fi kaabinoota bilxiginnaatti yaaddoo ta’uun  Oromiyaa bira darbee naannoo impaayerattii keessattis jiraattoota hidhuu fi dararuu akkasumas maqaa Waraana Bilisummaa Oromootiin saamicha raawwachaa jiraachuu odeeffannoon ba’aa jiru ni mul’isa.

Murnoota faashistii kanatti Waraanni Bilisummaa Oromoo lafa deeman cufatti qoraattii itti ta’uun sodaa keessa kan galan, yoo qawwee qawween dura dhaabbachuu irra duuba deebi’uun namoota harka duwwaa irratti gootummaa isaanii agarsiisu.

Baha Oromiyaa maqaa naannoo Harariin waamamtu keessatti namoota nagaa maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggartu jedhuun keessattuu manguddootaa fi abbootii amantaa hedduu hidhanii jiraachuutu dubbatama.

Namoota yeroo ammaa kana sababa tokko malee hidhamanii jiran keessaa kan maqaa arganne Amiin Hasan Dachii, Sheek Shamii Abdullaay Ibraahim, Jamaal Ahimed Muusaa kanneen jedhamanii fi hedduun maqaan nu hin ga’in jiraachuun barameera.

Obbo Kadir Usmaan Yusuuf kan jedhamu jiraataa aanaa Dirree Xiyyaaraa kan ta’e halkan sa’a 7:00tti bakka inni jirutti itti dhufuun qabanii erga akka malee tumaniin booda inni fiigee harkaa ba’us bilbila  gatiin  isaa qaalii ta’e irraa fudhatan.

Naannicha keessatti yeroo ammaa basaastota hedduu murni faashistii PP maallaqaan bitee bobbaasuun namoota sabboonummaa qaban hiisiisaa, reebsiisaa fi qabeenyaa isaanii akka saamamu gochaa jiraachuu illee namootni komii qaban ibsaniiru.

Exit mobile version