ONM-ABO Fulbaana 1, 2023
Torbee darbe irraa eegalee erga sosochiin leenjii milishaa gaachana sirnaa jedhamu godina Qellem Wallaggaa ona Laaloo Qilee keessatti leenjiisuuf aanoota godina Qellem Wallaggaa 12’n rraa walitti qabuun aanichatti geessan jiraattota ona Laaloo Qilee qala’iinsa jireenyaan rakkachaa jiranitti waan isaan nyaatanii fi fayyadaman akka isaan dhiyeessan gochuun rakkoo hamtuu keessa galchanii jiru.
Kana malees akka jiraataan ona Laaloo Qilee Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise tokko jedhetti erga leenjiin milishootaa kun eegalee wantootni gabaa fi dunkaanota irraa bitaman kan duraa irra dachaan dabaluu himuun, hoteelotaa fi manneen nyaataa garaagaraa seenanii nyaachuufillee magaalicha keessatti warreen leenjii kanaaf haala mijeessina jedhaniin bakki dhabamuun barameera.
Kibxata darbe guyyaa gabaa guddaa jiraattootni aanichaa argamuun keessaa bitanii fi itti gurguratan yoo ta’u, sababa leenjii milishummaa kanatti namoota gabaa ba’an humnaan qabanii leenjiitti ergaa waan jiraniif, qonnaan bultootni fi dargaggoonni gabaa guddaa Kibxata darbee irratti hin hirmaatin turuu jiraataan kun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himeera.

