ONM-ABO Fulbaana 1, 2023
Har’a ganama Fulbaana 1, 2023 magaalaa Gimbii keessatti milishootni humnaan aanaalee godinichaa irraa qabamuun sirnicha akka tiksaniif mooraa mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Biiftuu keessatti leenji’aa turan gaaffii mirgaa kaasuun deebii waan dhabaniif okkora kaasuun jeequmsi isaan gidduutti uumameera.
Okkora sa’a 2:30 irraa qabuun milishoota tilmaamaan 2000 ol ta’aniin uumametti kan rifatan qondaltootni waraana bilxiginnaa fi leenjistootni, “waraana isinitti bobbaasnee isin rukunna” jechuun humnaan walitti qabanii bakka afuritti qooduun mariisisaa turuun barameera.
Gaaffiin isaanii inni ijoon “maaliif maatii keenya biraa humnaan nu qabdanii, fedhii malee akkamiin leenjina, diimookiraasiin isin jettan meerree fi erga dhufnee ammoo miindaan nuuf kennamu akkuma waraanaatti ta’uu qaba, isaanis ni du’u nutis ni duuna, garaagarummaan keenya maali” jechuun gaaffiin wal muddaa akka turan ibsameera.
Sababa kanaanis magaalicha keessaa sochii geejjibaa ugguruun namootas addaan tamsaasanii magaalattii waraanaan dhiphisanii akka jiran maddeen magaalaa Gimbii Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.

