Fulbaana 17, 2023 gargaarsa WBOf dinagdee walitti qabuuf jedhamee karaa zoomi waamame jiru irratti miseensotni jaarmayaan ABO-WBO biyya alaa gaaffii nu gaafataa jiru.
Haala kanaan, jaarmayaan ABO-WBO biyya alaas ta’e gaafatamaan jaarmayaa ABO-WBO dirree irraa ajajaa ol’aanaa ABO-WBOtiin dirqama itti kenname qophii kana kan quba hin qabaanne ta’uu isaa mirkaneessa. Ilmaan Oromoo maqaa WBOtiin maallaqa walitti qabna, madoo keenyas waldhaansifanna jedhamanii akka hin goowwomnee fi gumaachii kallattii kanaan buusan akka WBO dhaqabu hin dandeenyee fi madoo keenya waldhaanuuf akka hin oolles gadi jabeessinee hubachiifna.
Kana booda, kallattiin dinagdeen WBO dhaqabu karaa jaarmayaa ABO-WBO biyya alaa qabnu ta’uus dhaammanna.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Jaal Qajeelaa Siraaj – Gaafatamaa Jaarmayaa ABO-WBO biyya alaa
GG
➢ Jaal Marroo Dirribaa Lammeessaa – Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO
➢ Koree Jaarmayaa ABO-WBO biyya alaaf