• Mon. Sep 25th, 2023

Miseensi waraana bilxiginnaa tokko Godina Qellem Wallaggaa magaalaa Dambi Dolloo irraa waraana bilisummaa Oromootti harka kennate 

Sep 13, 2023

ONM-ABO Fulbaana 13, 2023

Mooraa fi caasaan waraana bilxiginnaa akka deebi’ee suphamuu hin dandeenyetti diigamuun, miseensonni waraana bilxiginnaa mooraa sirnichaa gananii meeshaa fi hidhannoo isaanii waliin waraana bilisummmaa Oromootti makamaa jiru.

Haaluma Kanaan, kaleessa fulbaana 12, 2023 godina Qellem Wallaggaa magaalaa Dambi Dolloo irraa miseensi waraana bilxiginnaa tokko mooraa waraanaa magaalaa Dambi Dolloo keessaa miliquun qawwee fi hidhannoo isaa waliin nagaan WBO bira ga’eera.

Miseensi waraana bilxiginnaa kun qawwee turkii tokko, rasaasa 240, boombii harkaa 2 fi hidhannoo tokko galii mooraa qabsoo bilisummmaa Oromoo taasisee jira.

Dhuma irrattis ilmaan Oromoo meeshaa diinaa baatanii hojii loltummaatiin sirnicha tajaajilaa jiraniif, qabsoo uummatni Oromoo mirga hiree murteeffannaa isaaf geggeessaa jirutti akka makamaniif dhaamsa dabarseera.

Leave a Reply