ONM-ABO Fulbaana 13, 2023
WBOn qabsoo hadhooftuu golee Oromiyaa cufa keessatti gaggeessaa jiruun, impaayerattii keessatti olaantummaa lolaa fi siyaasaa argachaa kan jiruu fi tiksitoota impaayerattiif yaaddoo guddaa ta’aa jiraachuun kan beekamu yoo ta’u, ilmaan Oromoo Oromummaa isaaniin yakkamuun manneetii hidhaa garaa garaa keessatti hiraarfamaa jiraniifis abdii ta’uun, bakkoota hedduutti mana hidhaa diinaa cabsee gadi lakkisaa jiraaachuun ni beekama.
Oduuma kanaanis, gootichi waraana bilisummaa Oromoo tarkaanfii fulbaana 12, 2023 halkan sa’a ja’a irraa eegaluun, godina kibba lixa Shaggar aanaa Bachoo, Sadeen Sooddoo, Iluu fi Tolee keessatti fudhateen, ilmaan Oromoo aanota kanneen keessatti maqaa siyaasaatiin hidhamanii gidirfamaa turan hedduu manneen hidhaa cabsuun gadi lakkisuu beeksise.
Hidhamtootni siyaasaa kunneen ilmaan Oromoo maqaan garaa garaa itti maxxanuun yeroo dheeraatiif murtii tokko malee manneen hidhaa aanota kanneenii keessatti hiraarfamaa jiran yoo ta’u, abdiif gaachanni uummata Oromoo aantummaa Saba isaaf qabu mullisuun balbala mana hidhaa gabroomfataa cabsee bilisa kan isaan baasee fi tarkaanfiiwwan kun gara fuula duraattis jabaatanii kan itti fufan ta’uus beeksise.








