• Mon. Sep 25th, 2023

Kaaba shaggar aanaa sulultaa magaalaa Muloo keessatti dargaggoon tokko marfata gubbaatti waraana PPn ajjeefamuun bineensi akka nyaate maddeen himan

Sep 16, 2023

ONM-ABO Fulbaana 16, 2023

Gochootni moototni impaayera Itoophiyaa bulchanii darban hawaasa Oromoo irratti raawwataa turan irra deebi’amuun, bulchitoota bilxiginnaa ergama Minilik milkeessuuf dhama’aaniin, dabni Wal fakkeenya calii calanqoo fi aanolee fakkaatu yeroo ammaa ilmaan Oromoo irratti raawwatamaa Jira.

Haaluma kanaan fulbaana 13, 2023 godina Kaaba shaggar aanaa Sulultaa magaalaa Muloo naannoo marfata Muloo jedhamuun beekamutti dargaggoo maqaan isaa Kaasuu Alamaayyoo Jiraataa jedhamu WBO waliin hidhata qabda jechuun uummata duratti baasanii ajjeesuu jiraattotni himan.

Dargaggeessi bifa suukanneessaa kanaan ajjeefame Kun reeffi isaa awwaalcha dhabuun bineensaan nyaatamuu kan himan jiraattotni, Kaasuun hojii isaa qofa irratti xiyyeeffachuun dhaabbata Haayilaandii fi Pilaastikaa jedhamu keessaa hojjechuun Kan of jiraachisu ta’uus himan.

Leave a Reply