• Mon. Sep 25th, 2023

Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo Bulchiinsa magaalaa Ashii ganda Dullii bakka adda qonnee jedhamutti dargaggoon tokko waraana bilxiginnaan ajjeefamuun himame 

Sep 17, 2023

ONM-ABO Fulbaana 16, 2023

Ajjeechaan golee Oromiyaa cufa keessatti dargaggoota Oromoo irratti gaggeeffamaa jiru akkaan jabaachaa kan jiru yoo ta’u, dachiin Oromiyaa guyyaa irraa gara guyyaatti dhiiga ol adeemtota ilmaan isheetii keessummeessaa jirti.

Gocha gara jabeenyaa kanaanis, Fulbaana 15, 2023 godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo Bulchiinsa magaalaa Ashii ganda Dullii bakka addaa Qonnee jedhamtu keessatti dargaggoo maqaan isaa  Eebbisaa Fayyisaa jedhamu badii tokko malee waraana goolessaa PPn akka ajjeefame maddeen himan.

Hidhattootni sirnichaa kunneen sochii gandichatti taasisaniin qabeenya hawaasaa hedduu akka saamanii fi  namoota hedduus qe’ee isaanii keessatti reebuu jiraattotni dubbatan.

Leave a Reply