Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Dhalataa lixa Shaggar kan ta’e dargaggoon tokko aanaa Dandii bosona Cillimoo keessatti hidhattoota garee maafi’aa PPn ajjeefamuun beekame

ONM-ABO Onkoloolessa 3, 2023

Ilmaan Oromoo Oromiyaa keessatti godinaa godinatti aanaa aanaatti akkasumas gandaa gandatti adamfamanii hidhattoota impaayerattiin sababa tokko malee ajjeefamuun, Lubbuun ilmaan Oromoo hanga bineensaayyuu kabaja dhabuun haala suukanneessaan ajjeefamaa jiraachuu fi namuu nagaan ba’ee nagaan galuun yaaddessaa ta’aa dhufeera.

Haaluma kanaan dargaggoon Taajjabaa Tolasaa Gaaddisaa jedhamu dhalataan lixa Shaggar aanaa Jalduu ganda Falloo, torban tokkoon dura magaalaa Finfinnee du’a ga’ii fira isaa dhaqee osoo galaa jiruu dheengadda jechuunis Fulbaana 30, 2023 magaalaa Giincii keessa qaxxaamuruun tibba gara aanaa isaa Jalduutti imalaa jiruutti, waraana sirnichaan bosona Cillimoo keessatti namoota hedduu biraa ija shakkiin ilaalamuun achumatti rasaasaan tumamee du’uun beekame.

Dargaggoon kun nama siyaasa irra bilisa ta’ee fi hojii qonnaa hojjachuun jiraachaa jiru yoo ta’u, reeffi Dargaggoo kanaas kan hin kaafamnee fi iddoo dargaggoon kun itti ajjeefame hawaasni akka hin jirree fi bosona walakkaa ta’uus ibsaniiru.

Exit mobile version