• Wed. Nov 29th, 2023

Aanaa Anfilloo ganda seertum keessatti waraanni goolessaa PP Abbaa maatii tokko ajjeesuun dargaggoo tokkos madeessuun himame

Oct 4, 2023

ONM-ABO Onkoloolessa 4, 2023

Ajjeechaan ilmaan Oromoo irratti jaarraa tokkoof walakkaa ol raawwachaa jiru jabaachuun bara bulchiinsa bilxiginnaa keessas Yakka waraanni PP raawwachaa jiraniin daa’imman Oromoo hedduun Abbaaf haadha malee hafaa jiru.

Haaluma kanaanis kaleessa Onkoloolessa 3, 2023 godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo ganda seertum bakka addaa riqicha shaku’aa jedhamutti waraanni bilxiginnaa magaalaa Seertum irra bariin sochii godhan, abbaa ijoollee sadii Waasee Chokkolee Saxxany jedhamu ajjeesuun dargaggoo maqaan isaa Isiraa’el Lataa jedhamus madeessuu jiraattotni dubbatan.

Loltootni sirnichaa kunneen dhukaasa yeroo dheeraaf hawaasa nagaa irratti bananiin jeequmsa guddaa kan uumanii fi nama dalagatee of jiraachisu maatii isaa irraa ajjeesuun ilmaan hiyyummaaf akka saaxilan Kan dubbatan jiraattotni, waraanni ganda seertum qubatee jiru kun yeroo mara magaalicha keessatti dargaggootaa fi dubartoota irraanis miidhaa qaqqabsiisaa jiraachuus maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Aanaa Odaa Bultum magaalaa Baddeessaa keessatti Ilmaan Oromoo baatii dheeraaf hidhamanii hiraarfamaa jiraachuun dubbatame

ONM-ABO Onkoloolessa 4, 2023 Sarbamiinsi mirga namoomaa jabaatee Kan jiru Oromiyaa keessatti, namni Kam  miseensa paartii badhaadhina hin ta’u taanaan nagaan ba’ee galuun itti ulfaachuun hiree mana hidhaa fi ajjeechaa isa eeggatuuf dhiphachuun namuu boqonnaa sammuu dhabuun xiinsammuu miidhamaa jira.

Baatiilee 1 oliif mana hidhaa keessatti hiraarfamaa kan jiran ilmaan Oromoo Baha Oromiyaa godina lixa Harargee aanaa Odaa Bultum, magaalaa Baddeessaa keessatti maqaa waraana bilisummaa Oromoo deggertuu fi isin Miseensota WBOti jedhuun hidhamanii haga hardhaatti qorannoo tokko malee dararaa argaa kan jiran yoo ta’u, namootni maqaan nu ga’es Abirahaam Hasan, Mohaammadoo Huseen, Nasiruu, Usmaa’el, Haannaa Huseen, Yusuufii fi Huseen kanneen jedhaman ta’uutu himame.

Leave a Reply