ONM-ABO Onkoloolessa 11, 2023
Waraanni garee shororkeessaa Abiy Ahimed hojiiwwan fokkisoo seeraa fi safuu hawaasaa cabsuun hojjetan itti fufuun godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo magaalaa Muggii keessatti gocha lubbuu galaafatu raawwatan.
Dilbata Onkoloolessa 8, 2023 Wiixatatti bari’u boombii miseensa raayyaa ittisa impaayerattii sabaan uummata kibbaa ta’e tokko harkaa dho’e dubartii waliin ciisaa ture dabalatee lubbuu lamaan isaanii galaafachuu odeessi achii nu ga’e ni addeessa.
Akka odeessi dhufe addeessutti miseensi raayyaa ittisa impaayerattii magaalaa Muggii maadheeffate Kun humnaan dubartii abbaa manaa fi ijoollee qabdu manaa baasee yeroo hundaa waliin jiraachaa turuu ibsuun, itti bari’a Wiixataa Onkoloolessa 9, 2023 boombii kutaa isaan ciisaa turan mana magaaluma Muggii ganda 02 teelee dugda duubaan jiru keessaa dho’een waraanni faashistii PP foonni isaa kan ciccitee yoo ta’u, dubartiin waliin turte ammoo turtii daqiiqaa 30 booda duute jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Gocha kana kan aaran uummatni magaalattii, waan safuu waraanni faashistii PP afaan qawwee fayyadamuun dubartootaa fi shamarran irratti raawwatan akka irraa dhaabaniif gaafatanis, ergamtoota Waraana Bilisummaa Oromoti jechuun maanguddoota ifachuun dhagaa’ameera.
Awwaalchi namoota kanaa guyyaa dheengaddaa achuma magaaluma Muggii keessatti raawwachuun barameera.

