• Wed. Nov 29th, 2023

Baha Shaggar aanaa Fantaallee keessatti waraanni faashistii PP nama nagaa tokko ajjeesuun himame

Oct 21, 2023

ONM-ABO Onkoloolessa 21, 2023

Adeemsa ittiin ilmaan Oromoo balleessan kalaqatanii kan as ba’aan qondaaltotni bilxiginnaa, Oromoo miseensa paartii badhaadhinaa hin taane, ilaalcha waraana bilisummaa Oromoo qabda  jechuun ajjeesuun diraamaa yeroo dhihoo as Oromiyaa keessatti ittin duguggaan sanyii raawwatamaa jiruudha.

Haaluma kanaanis torbee darbe Onkoloolessa 15, 2023 dargaggoo maqaan isaa Abdallaa Muusaa jedhamu dhalataa godina baha Shaggar aanaa Fantaallee araddaa Qarsaa Kan ta’e, firoota isaa araddaa Algee jiran dubbisuu yeroo deemetti waraana PPn qabamuun Onkoloolessa 19, 2023 akka ajjeefame hawaasni dubbatu.

Dargaggoon kun yakkamaa akka hin taane Kan dubbatan Maddeen, loltootni PP kunneen erga hidhanii guyyaa 4f hiraarsaniin booda fuula hawaasaa duratti baasuun ergama waraana bilisummaa Oromoo fudhatee dhufe, tarkaanfiin isaaf malu du’a qofaadha jechuun osoo hawaasni iyyee watwaatuu rasaasaan waadanii akka ajjeesan  jiraattotni ijaan argan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply