ONM-ABO Onkoloolessa 24, 2023
Waggoottan Ja’aan darbanii kaasee uummanni Oromoo golee mara keessa jiran maqaa Waraana Bilisummaa Oromootin Xinnaa guddaa osoo hin jenne hidhaan daangaa hin qabne irratti raawwatamuun waajjira poolisii kaasee hanga mooraa waraanaatti ajaja mana murtii malee hiraarfamaa jiru.
Akkasuma aanaan Mi’eessoo godina Harargee lixaa keessaa tokko yeroo taatu jiraattota aanichaa irrattis hidhaan daangaa hin qabne raawwatamaa jiraachuu fi namuu sodaa waraana bilxiginnaa irraan kan ka’e ooyiruu isaanii gad dhiisuun gara biyyoota ollaa fi magaalota Oromiyaa tokko tokkootti baqachaa jiraachuus himu.
Haaluma kanaan hidhamtootni aanaa Mi’eessoo waajiira poolisii aanichaatti argamanis yeroo dheeraaf mana hidhichaa keessatti hiraarfamaa kan turan yoo ta’u kaleessa jechuunis Onkoloolessa 22, 2023 mana hidhaa magaalichaa keessaa baasuun bakki isaan geessan hin beekamu, ajjeesaniif dhiisanii isaanii wanti beekame hin jiru jechuun dubbatu.

