• Wed. Nov 29th, 2023

Harargee Lixaa aanaa Shanan Dhuuggoo magaalaa Goolliyaa keessatti namoota loon gabaa baasuun gurguratan maallaqa saamaa jiraachuun himame 

Oct 26, 2023

ONM-ABO Onkoloolessa 25, 2023

Hawaasni Baha Oromiyaa magaalota godina Harargee lamaan keessa jiraatan rakkoolee murni bilxiginnaa nurratti dalagaa jiran haala jireenya keenyaaf yaaddoo ulfaataa ta’e jira jechuun dubbatu.

Horii gaanfaa gabaa baasnee bituuf gurguruun yeroo ammaa hedduu nu yaaddessaa jira Kan jedhan jiraattotni, godina lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggoo magaalaa Goolliyaa, araddaa Dukkana Ibsaa keessatti guyyoota gabaa kaadirootni PP Milishoota nurratti qindeessuun qarshii 300 haala salphaan kanfalaa kanaan achi Waajjira Poolisii deemtu jechuun maallaqa nurraa saammataa oolu jechuun dubbatu.

Uummatnis Mormiin Kun maaliif nurratti ta’a, yakka maalii goone, nuti rakkoon qaala’iinsa jireenyaa nu hubaa jira, maaliif akkana nu gootu jechuun hawaasni Kan gaafachaa jiran yoo ta’u, deebiin isaanii saamicha ta’uun sirnichi xiyyeeffatee nu miidhaa jiraachuu mullisa jechuun himatan.

Obbo Haaruun Umar namni jedhamu Horii manaa gabaa baasee gurgurachuu yeroo deemetti qarshii akka kaffaluu Milishootni dirqamsiisuun kaffali jennaan, ani horii hin gurgurree maallaqa homaa hin qabu jechuun yeroo itti himu gara Waajjira poolisiitti dabarsuun reebicha ulfaataa irratti godhaniin miidhaan qaamaa irra ga’u cinatti hidhaatii baasuuf ammoo maatiin qarshii 1000 irratti kaffaluun barameera.

Leave a Reply