ONM-ABO Onkoloolessa 27, 2023
Ergamtootni bilxiginnaa ergama koloneel Abiy Ahimad fudhachuun ilmaan oromoo xiqqaaf guddaa osoo hin jedhin dhiiga dhangalaasaa oolan, ammas uummata nagaa araddaa isaa keessatti ajjeesuu itti fufuun, guyyaa guyyaatti tarkaanfii cubbuu loltootni sirnichaa uummata nagaa irratti fudhataniin lubbuun namoota nagaa darbaa jiraachuu gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.
Haaluma kanaan godina Gujii Lixaa Aanaa Galaanaa ganda Wadoo Darbaa iddoo addaa Dhiillee Ciimmaa jedhamu keessatti waraanni bilxiginnaa Onkoloolessa 25, 2023 maanguddoo ganna 70 Ushuulaa Waaqoo jedhamu balleessaa tokko malee Ooyiruu qonnaa isaa keessatti rasaasa 3n rukutuun ajjeesuu maddeen dubbatan.
Maanguddoon ajjeefame kun nama nagaa hojii qonnaatti bobba’uun ofiif maatii isaa jiraachisuu fi siyaasa kam keessaa qooda hin qabne ta’uu kan himan maddeen ilma Oromoo ta’ee dhalachuun isaa yakka ta’uun Ooyiruu isaa keessatti akka ajjeefamuuf sababa ta’e jechuunis dubbatan.

