Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina kibba lixa Shaggar aanaalee akka Sadeen Sooddoo, Iluu Tolee fi Bachoo keessatti hidhaa dabalatee saamichi jiraattota irratti hammaachuu jiraattootni aanota kanneenii tokko dubbatu 

ONM-ABO Onkoloolessa 31, 2023

Akka jiraattotni aanota kanneenii tokko tokko jedhanitti erga baatii darbe keessa waraanni bilisummaa Oromoo aanota akka Bachoo, Sadeen Sooddoo, Iluu fi Tolee keessatti Fulbaana 12, 2023 halkan toora sa’a 6:00 yeroo wal fakkaataatti magaaloota aanota kanneenii kana seenuun diinaaf lukkeelee diinaa irratti tarkaanfii fudhatee kaasee rifaatuu guddaa keessa galuun waraana baayinaan aanota kanatti bobbaasuu dubbatu.

Haaluma kanaan walqabatee waraanni baayinaan magaalaa aanota kana irraa kaasee hanga baadiyyaatti bobbaafaman kunneen gochootuma wal fakkaataa kanneen akka ati waraana bilisummaa Oromoo deggartaa fi heeruu kennitaaf jedhuun namoota nagaa hidhuu dabalatee reebichaa fi saamicha daangaa hin qabne irratti raawwatamaa jira jedhu.

Hidhattootni kunneenis  lafa deeman cufatti maallaqa namoota harkaa saamuu fi ati eessaa deemta jedhanii erga qabaniin booda  waajjira poolisii galchuun guyyootaaf erga hidhaniin booda maallaqa hanga kana fidiiti ba’i jedhanii namoota nagaa homaa keessaa harka hin qabne tooftaa mataa isaanii baafachuun ittiin saamaa akka jiranis dabaluun dubbatu .

Addatti ammoo dargaggoonni mana hidhaa Sadeen Sooddoo keessatti argaman lakkoofsaan 100 ol ta’u kan himan jiraattotni  hidhamtoonni murtii seeraa malee hidhamanii jiran kunneenis dhukkubsatanii mana yaala gaafataniis ni duutu waan ta’eef maal isiniif godha jedhanii itti qoosaa jirus jechuun himu.

Yeroo ammaas uummanni aanota kanneenii rakkoo hamaa keessa jiraachuun ba’aanii galuufuu hedduu rakkachaa jirra, qaama itti hiyyannus dhabnee jirra jechuun yoo dubbatan,  adeemsi hidhattoota kanaas haala kanaan itti fufnaan egereen uummata keenyaa yaaddessaa ta’uun waan hin oolleedhas jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version