Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Wallaggaa aanaa Ganjii keessatti hidhattootni Abiy Ahimed namoota waldaadhaa kadhata irra jiran qabanii hidhuu fi reebicha irratti geggeessuun beekame

ONM-ABO Sadaasa 4, 2023

Manni amantaa iddoo itti uummanni wal ga’ee uumaa isaa itti kadhatu yoo ta’u, hidhattoota garee maafi’aa PP biratti garuu manni amantaas ta’e namni amantii isaa  geggeeffatu akka yakkamaatti ilaalamuun namoota irratti miidhaa hidhaa hanga reebichaatti yoo raawwatan mana amantaa keessaas qabeenya saamuu fi gubuun barbaadeessuun Oromiyaa bakkeewwan hedduutti yeroo ammaa raawwatamaa jira.

Haaluma kanaan lixa Wallaggaa aanaa Ganjii ganda Busaanoo Sichoo jedhamu keessatti guyyaa kaleessaa jechuun Sadaasa 3, 2023 namoota waldaa keessaa kadhata irra jiran itti seenuun reebichaa fi hidhaa namoota nagaa irratti raawwatan jedhu.

Paaster Hordofaa kan jedhamu qabanii reebicha ulfaataa erga irratti raawwataniin booda mana Hidhaa galchuun hanga yoonaatti maalif  akka hidhan osoo ifa hin godhin dararaa jirus jedhan.

Akkasumas namoota hedduu irratti reebicha ulfaataa raawwatameen namoonni hedduun akka miidhamanii yaala irra jiran dubbachuun, meeshaalee mana amantaa hedduus caccabsanii Kan balleessaniidhas jedhan.

Exit mobile version