ONM-ABO Sadaasa 6, 2023
Yeroo lakkoofsi du’aatii Faalasxiinotaa Gaazaa keessatti dabalaa jiru Araboota hedduu aarsaa jirutti Ministirri haajaa alaa Ameerikaa Pirezidaantii Faalaasxiin Mohammuud Abbaas waliin Ramallah keessatti wal argan.
Akka Dubbi Himaan Abbaas jedhanitti Pirezidaantiin Faalaasxiin Mohammud Abbaas Dilbata kaleessaa dippilomaatii olaanaa Ameerikaa waliin West Baankii dhuunfatamte keessatti waltajjii ta’aaniin waraana Gaazaa hatattamaan dhaabuun dirqama ta’uu Antony Blinkenitti himaniiru jechuun, kunis namootni Gaazaa keessatti ajjeefaman 10,000tti dhiyaachuun wal qabatee barbaachisummaa dhukaasa dhaabuu hoggantootni biyyoota Arabaa gaafachaa jiranitti dhiibbaa dabaleera.
Dubbii himaan Abbaas akka himanitti, lakkoofsi namoota Gaazaatti du’anii 10,000tti dhiyaachaa waan jiruuf, hoggantootni Arabaa waraana dhaabuun barbaachisaa ta’uu cimsanii dubbatan guddachaa dhufe irratti dabaleera.
Rippoortarri Al Jazeera Mohammed Jamjoom, Ramallah irraa gabaasa kenneen, walgahiin kun sa’a tokkoo gadi kan fudhate akkasumas yeroo namni kamiyyuu eege caalaa baay’ee xiqqaa” – fi ibsa gaazexeessitootaa ykn ibsa waloo tokko malee xumurame, kunis “garaagarummaa fi waliigaltee dhabuu guddaa” US fi Ejjennoo Faalasxiin agarsiisa jedhe.
“Jechoota ijoo pirezidaantii Faslasxiin irraa dhageenye keessaa tokko [Flasxiinonni] ‘dhukaasa dhaabuu’ barbaadaa jiru… akkasumas US ‘dhukaasa dhaabuu’ akka barbaaddu gaafachuu isaaniiti,” jedhan Jamjoom.
“Sun garaagarummaa ijoo keessaa tokko. US boqonnaa namoomaa barbaaduu itti fufna jetteetti. Sababa dhukaasa dhaabuun Hamaasiif yeroo kennuudha jettuuf US dhukaasa dhaabuu hin barbaaddu”.
Gaazaatti miidhaan namoota irra ga’e dabalaa dhufuu isaatiin, tattaaffii dippilomaasii Ameerikaa michoota ishee Arabaa waliin gochaa jirtu qorannoo dabalataa jala galchuu fi Gaazaa marfama keessa jirtu irratti rakkoo qaqqabaa jiruun wal qabatee mufataniiru.
Tarkaanfii waraanaa Gaazaa irratti Israa’el itti fufteen Sanbata galgala haleellaa qilleensaatiin namoota 50 ol ajjeestee jirti.
Itti aanaan muummicha ministeeraa fi Ministirri Dhimma Alaa Joordaan Amaan Safadiin ibsa gaazexeessitootaaf Amaanitti kennaniin biyyoonni Arabaa hatattamaan dhukaasa dhaabuu akka barbaadan cimsanii ibsuun, “naannichi guutuun galaana jibbaa dhaloota dhufu ibsu keessatti liqimfamaa jira” jechuun akeekkachiisaniiru.
“Kun ofirraa ittisuu ta’uu hin fudhannu,” kan jedhan Saafaddiin, haleellaa Israa’el ji’a tokkoof Gaazaa irratti raawwatte kanaan yoo xiqqaate lammiileen Faalasxiinota 9,488, kanneen keessaa harka sadii ol daa’imman ajjeesuu eeran.
“Dhaaba kamiinuu haqa qabeessa ta’uu hin danda’u, nageenya Israa’elis hin fidu, naannichaafis nagaa hin argamsiisus.” jedhan.
Ministirri Dhimma Alaa Masrii Sameh Shoukry, biyyi isaanii karaa tokkicha lammiileen biyya alaa Gaazaa miliquuf, akkasumas gargaarsi karaa seenu ta’uun hojjechaa kan turte, “dhukaasni hatattamaa fi hunda galeessaa” akka dhaabbatu gaafataniiru.
Yeroo rakkoo Gaazaa keessatti sababa wal waraansa Israa’elii fi Hamaasiin uumametti furmaata barbaadaa jiranitti Israa’el mooraa baqattootaa rukutaa jirti jechuun himatamaa kan jirtu yoo ta’u, imala ministeera Haaja Alaa US Antoonii Bilinkeeniin wal qabatee West Bank magaalaa Raamaalaa keessatti mormiin Bilinkeen irratti hawaasaa naannichaan geggeeffamuus Aljazeeraan gabaaseera.

