Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo kessatti nama tokko ajjeesuun qabeenyaa namootaas saaman

ONM-ABO Sadaasa 7, 2023

Duulli duguuggaa sanyii Oromiyaa keessatti erga Abiy Ahimed gara aangoo impaayerattiitti dhufee kaasee adeemaa jiru kan ajjeechaa fi saamicha akkasumas hidhaa irratti xiyyeeffate yoo ta’u, namuu nagaan ba’ee nagaan galuun itti ulfaachuun jireenya gadadoo fi yaaddoo jiraachaa jira.

Jiraataa godina Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan ganda Tuulama Canqoo kan ta’e warqee qotuuf aanaa Sayyoo kan jiru nama maqaan isaa Abdallaa Hancaar jedhamu  Sadaasa 5, 2023 aanaa Sayyoo ganda Guutee Sooyyomaa iddoo addaa Shanqaxee jedhamutti ajjeessuun, akkasumas mana jireenyaa obbo Dhugumaa Iddoosaa gubanii barbadeessuun horii isaa Saawwa 7, harree 2 fi lukkuu 2 ooffatanii deemuun guyyaa kaleessaa Sadaasa 6, 2023 ganda Guutee mana barumsaa Shummee keessatti qalatanii nyaachuun gabaafame.

Akkasumas godina Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan ganda Tuulama Biyyaa iddoo addaa Dabaqqaa jedhamu keessaa Sadaasa 4, 2023 manneen qonnaan bultoota sadii fi midhaan isaanii mi’oota mana keessaa dabalatee jalaa gubanii barbaadeessuus maddeen gabaasan.

Namootni mannii fi midhaan isaanii jalaa gubachuun barbaadaa’e kunneenis Dachaas Yesuus, Nagaasaa Tuuchoo fi Raamataa  Shifarraa kanneen jedhaman yoo ta’an, Nagaasaa Tuuchoo jelaa Lojoo kuntaala 9 fi Boqqolloo heektaara 2 irraa roobaaf jedhamee haamamee hirkifamee jiru jalaa gubanii barbadeessuus dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version