Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Hogganni Waraana Bilisummaa Oromoo diina waliin araaramee galuuf ala ba’e dubbiin jettu soba!

ONM-ABO Sadaasa 7, 2023

Dubbiin miidiyaa hawaasaa fi namoota dantaa siyaasaa qaama biroo guutuuf deeman akkasumas inaaffaa ABO-WBOn of danda’ee siyaasa isaa maaliif geggeeffata jedhan akka  ajajaan olaanaan ABO-WBO namoota muraasa waliin diina waliin walii galanii qabsoo gurguruun galaa jiranitti odeessaa jiran dhara ta’uu beeksisna.

Ajajaa olaanaan ABO-WBO hojiif gara biyya ambaatti guyyaa har’aa imaaluun dhugaa dha. Hojiin hogganni ABO-WBO hojjetu kamuu qawwee isaa harka tokkotti harka biroon siyaasa dippiloomaasiin qabsoo bu’aa dursee lafa kaa’ateen guduunfuuni.

Kanaaf har’a wareegama qaalii miseensotni WBO kafalan akkasumas hawaasni keenya baaseen beekamtii qabsoon hidhannoo Oromoo ABO-WBOn geggeeffamu argate Oromoon bilisummaa fi walabummaatti amanu  of qusannoo tokko malee deggeruu fi shakkii akkasumas sodaa biroo irraa walaba ta’uu qaba.

Imalli kun quba qabeenya dhaabichaan waan geggeeffameef bu’aa waamicha idila  addunyaa irratti taasifame maal akka ta’e, maaliif akka ta’e, eessaa fi maal irra akka gaa’ame jala buunee isin beeksifna.

Qabsoon hidhannoo keenya mirga abbaa biyyummaa keenya mirkanneessuuf malee dantaa dhuunfaa eegsifachuuf miti!

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version