Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

ABO-WBO’n Ajajaa Olaanaan Jaal Marroo Dirribaa fi Itti aanaan Jaarmiyichaa Jaal Gammachuu Abbooyyee marii nagaaf Taanzaaniyaa qaqqabuu beeksise

ONM-ABO Sadaasa 14, 2023

Ibsa kaleessa Sadaasa 13, 2023 waaree booda jaarmiyaan ABO-WBO baase akka ibsutti jilli Adda Bilisummaa Oromoo–Waraana Bilisummaa Oromoo (ABO-WBO) Ajajaa Olaanaa Jaal Marroo Dirribaa fi itti aanaan isaa Jaal Gammachuu Abboyyeen durfamu  marii nagaa sadarkaa olaanaaf Taanzaaniyaa galuu dhaabichi ibse.

Marii sadarkaa olaanaa  guddaa fi eegamaa ture kana uummata keenya jalaa kan dhokateef  hoggantootni waraanaa Oromiyaa dirree lolaa irraa nagaan akka Taanzaaniyaa qaqqabaniif jechuun  ibsan.

Qubsuma siyaasaa karaa nagaan hawwii hawaasa keenya dhugoomsuu fi wareegamtoota keenyaatti kabajaa horuuf kutannoon itti fufanii akka hojjetan ibsaniiru.

Addii Bilisummaa Oromoo ABO-WBOn akka mareen nagaa goolabamuun odeeffannoo dabalataa akka hawaasaaf kennu illee ibsa gabaabaa kaleessa gadhiiseen yoo beeksisu, mariin kun yoom akka eegalee fi sadarkaa maal irra akka ga’e hin eerre.

Exit mobile version