• Wed. Nov 29th, 2023

Baha Oromiyaa magaalaa Dirree Dhawwaatti saamichi yoo jabaatu, aanaa Mi’eessoo keessatti hawaasni horii isaa gabaa baasee gurgurachuu ugguramee jiraachuun himame

Nov 20, 2023

ONM-ABO Sadaasa 20, 2023

Dacheen Oromiyaa erga harka abboota irree irratti kuftee kaasee qabeenya ilmaan Oromoo hojii qonnaa, daldalaa fi horsiisa irratti fuulleeffachuun horatan saamamaa Kan jiru hogguu ta’u, dinagdee fi siyaasaan sabicha dadhabsiisuuf bara dhufaa darbaa irratti hojjeetamaa jira.

Haaluma kanaanis baha Oromiyaa aanota adda addaa keessatti saamichi jabaatee jiraachuu Kan himan maddeen, bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawwaa keessatti Sadaasa 14, 2023 Jimaa konkolaataa tokko Kan qarshii Miliyoona lamatti tilmaamamu poolisonni federaalaa bakka addaa Hariilaa jedhamutti akka saaman  dubbatu.

Konkolaataa uummataa kanas dhukaasa irratti bananii goommaa akka dhoosanii fi jimaa konkolaataa keessa ture gara magaalaa Dirree Dhawwaa seensisuun gurguranii dhuunfaaf akka oolfatan maddeen itti siqeenyaan beekan Arraata Biyyooleessa oromiyaatti himaniiru.

Dabalataanis lixa Harargee aanaa Mi’eessoo araddaa torbayyoo keessatti uummanni balaa uumamaa hongeen miidhamaa akka jiru Kan himan jirattonni, rakkoo furmaata dhabuun uummanni itti miidhamaa jiruuf furmaata kaa’uu irra sirni bilxiginnaa jiraattota horii gabaa baafatanii akka hin gurguranne ugguranii jiraachuun himame.

Namni Kam karaa keenyaa fi hayyama nurraa baafatee qarshii haga nuti jennu nuuf kaffallee gurgurachuu danda’a Kan jedhan kaadirootni PP kunneen,yoo kana gochuu hin dandeenye jireenya Keessan mana hidhaa goona jechuun doorsisaa jiraachuun himame.

Leave a Reply