• Wed. Nov 29th, 2023

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Kibba Oromiyaa Godina Booranaa magaalaa Moyaalee seenuun tarkaanfii rifaasisaa fudhachuu beeksise

Nov 20, 2023

ONM ABO, Sadaasa 20, 2023

Gootichi abdii sabaa hacuuccaafi saaminsa barootaaf Oromoo irra ture, irree gabroonfataa afaan qawween micciiree Oromoo bilisa baasuuf falmaa dhugaatti jiru Sadaasa 19, 2023 Godina Booranaa Magaalaa Moyaalee, bakka addaa Boolee jedhamutti kan argamu moonaa diinaa Mataa Kuwaanjaa jedhamutti seenuun haleellaa raawwateen 6 battalatti ajjeesuun, 10 ammoo madoo dandammii hin qabneen gaggeessee jira.

Guyyaa har’aa jechuunis Sadaasa 20, 2023 magaalaama moyaalee moonaa federaalaa Raadaarii jedhamu, obboroo bariin itti seenuun, 2 battalatti ajjeesuun namoota 6 madeessuu odeessi hooggana waraanaa bakkicha irraa arganne ni mirkaneessa.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply