Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBOn godina Lixa Shaggar magaalaa Amboo fi naannoosheetti tarkaanfii fudhachuun injifannoo galmeesse

ONM-ABO Sadaasa 25, 2023

Irree fi gaachanni uummatni Oromoo WBOn Imala Bilisummaa milkeessuuf tarkaanfii waraana faashistii PP irratti fudhachuun Lixa Shaggar keessatti diina rasaasaan harcaasee jira.

Haaluma kanaanis kaleessa Sadaasa 24, 2023 korommiiwwan Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu Galeessaa Birgeediin Obboleettii Cibraan Jaagamaa Badhaanee magaalaa Amboo fi magaalaa xiqqaa Amboo irraa KM5 irratti argamtu magaalaa Meexxii halkan irraa raasa buleera.

Humna PP gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo magaalaa Amboo walakkaa akka hin seennee seensa magaala bakka addaa Katamaa Abbaa Birriituutti haxxee hiite rasaasaan akaa’ee buqqisiisuun ari’ee galcheera.

Tarkaanfii laalessaa WBOn fudhate kanaanis qawwee AKM 7, hidhannoo 5 fi rasaasa AKM hedduu dugda ishee irraa hiikuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasiseera.

Lolli kun halkan waan geggeeffameef madoo fi duuti ishee sirnaan kan adda hin baanee fi injifannoo boonsaan kanaa olii jiraachuu odeessi keessoo ba’e ni mul’isa.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version