ONM-ABO Sadaasa 26, 2023
“Qurxummicha balleessuuf galaanicha gogsuun furmaata” dhaadannoo jedhu qabatee ba’uun, qabsoo Bilisummaa Oromoo dhabamsiisuuf duula duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti gaggeessaa kan jiru bilxiginnaan, golee Oromiyaa cufa keessatti saala, umrii fi hojiin osoo addaan hin qoodin ilmaan Oromoo irrattti ajjeechaa suukanneessaa jumlaan raawwachaa jira.
Bifuma kanaanis, Godina Gujii Lixaa aanaa Galaanaa ganda Giwwee Baadiyyaa jedhamtu keessatti waraanni faashistii Abiy Ahimed warreen dhala namaatiif gara laafinaa fi naasuu tokkollee hin qabne uummata nagaa hojii qonnaatti bobba’ee jiruuf jireenya isaa gaggeeffatu mana isaanii keessaa qabuun Jimaata dheengaddaa Sadaasa 24, 2023 namoota 6 jumlaan bakka tokkotti ajjeesuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Namootni loltoota sirnichaan ajjeefaman kunneen Badhaanee lolee maanguddoo ganna 60, Taarikuu Miiraa ganna 24, Bushaa Ataraa ganna 35, Nugusee Gannaalee ganna 38, Halaakee Heexoosaa ganna 35 fi Chuuchuu Areerii nama ganna 26 ta’uu jiraattotni kan himan yoo ta’u, namootni kun hidhatanii dhukaasanii akkasumas hojii siyaasaa birootti hirmaatanii osoo hin taane Oromummaa isaanii qofaaf yakkamuun qe’eef qabeenya isaanii irraa qabamanii ajjeefamuus dabaluun ibsaniiru.
Waraanni faashistii PP araara ilmaan Oromoo nagaa ittiin arganna jedhee eegaa ture waliin duula waraanaa labsee uummata ajjeesuu kan itti fufe yoo ta’u, haleellaa diroonii Kamisa darbe Sadaasa 23 Bunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa keessatti fudhateenis namootni 25tti lakkaa’aman ajjeefamuun ni yaadatama.

