Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii keessatti maatii qabsaa’aa jalaa loowwan 6 fi hoolaa 2 saamuun namootas reeban 

ONM-ABO Sadaasa 27, 2023

Murni maafi’aa PP ilmaan Oromoo irratti yakka himamee hin dhumne raawwachuun moototota impaayerattii kaminuu caale, har’as aantummaa uummata isaa irra hammeenya hojjechuu itti fufuun  dheengadda Sadaasa 25, 2023 godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii keessatti saamicha raawwachuun namootas reebuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka maddeen jedhanitti hidhattootni faashisticha Abiy Ahimed godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii mooraa Qellem buufatanii turan, Sanbata darbe gara aanaa Begii ganda Xiilloo bakka Nooraa jedhamutti bobba’uun loowwan ja’aa fi hoolaa 2 mana maatii qabsaa’aa Tamaam Abduu Damisee jedhamu jalaa fuuchuu himan.

Kana malees namoota bakka mana sanaatti argan reebuun namoota 2 miidhaa guddaaf saaxilanii jiru.

Loltootni aangoo Abiy Ahimed tiksuuf hojii gara jabeenyaa kana fudhachaa jiran kun, guyyuma sana ganda Gaara Kormaa bakka Waraagootii jedhamutti mana obbo Tamaam Xilahuun Moggaasaa jedhamu gubuun mi’a mana keessaa fi sangaa tokko fudhatanii deeman.

Yeroo ammaa uummatni aanaa Begii yeroo dhukkuba busaan dararaa argaa jirutti, loltootni PP lafa deemanitti hubannoo dhukkuba kanaa uumuu fi kan dhukkubsate waan beekaniin cinaa dhaabbachuu irra qonnaan bultoota siyaasa irraa bilisa ta’aan maqaa Waraana Bilisummaa Oromoon yakkuun miidhaa hanga lubbuu gaafatu irraan ga’aa jiraachuu odeessi aanaa Begii irraa nu qaqqabu ni addeessa.

Exit mobile version